<script type="text/javascript">
<!--
document.write('<div id="oa_widget"></div>');
document.write('<script type="text/javascript" src="https://www.openaire.eu/index.php?option=com_openaire&view=widget&format=raw&projectId=undefined&type=result"></script>');
-->
</script>
Qorannoon kun mata-duree xiinxala ergaa walaloowwan kitaaba miila kaayyoo irratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffamedha. Kaayyoon gooroo qorannichaa ergaa walaloowwan Kitaaba miila kaayyoo jedhu haala hojii aartichaa keessatti qabu xiinxala gadi fageenyaa kennuudha.Barbaachisummaan qorannoo kanaa: qorannoo kana ka"umsa godhachuun qorattoonni ogbarruu akka ciicataatti akka itti fayyadamaniif barsiisotni qabiyyee barnootaa cinatti ergaa isaa akka ittiin barsiisaniif, Barattoonni manneen barnootaa keessatti dandeettii waa uumuu isaanii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf akka itti gargaaramaniif.Akkasumas, qorattoota mata-duree kana fakkaatu irratti qorannoo gaggeesuu barbaadaniif akka ka"umsaatti tajaajiluu danda"a. Qorannichi malleen qorannoo keessaa mala qorannoo akkamtaatti dhimma ba"eera.Gosa iddatteessuu mit-carraa keessaa immoo kaayyeffataatti dhimma baheera.Tooftaaleen ragaaleen ittiin walitti qabaman sakatta"a dokumantiiti.Odeeffannoon sakatta"a barruun walitti qabames saxaxa ibsaatiin xiinxalameera.walaloowwaan kitaaba „miila kaayyoo" keessatti argaman qabiyyeewwan adda addaa 18 titti qoqqodamuun ergaan isaanii xiinxalamee saxaxa ibsaatiin ibsamaniiru. Qabiyyeewwan walaloowwan kunneen akka: siyaasaa, seenaa, dinagdee, sonoota hawaasaa fi kan kana fakkaatan yoo ta"u, haala qabatamaa jiruufi jireenya hawaasaa bu"uura godhatee kan dhiyaate ta"uusaati.
AFAAN OROMOO, OGBARRUU FOOKLOORII
AFAAN OROMOO, OGBARRUU FOOKLOORII
citations This is an alternative to the "Influence" indicator, which also reflects the overall/total impact of an article in the research community at large, based on the underlying citation network (diachronically). | 0 | |
popularity This indicator reflects the "current" impact/attention (the "hype") of an article in the research community at large, based on the underlying citation network. | Average | |
influence This indicator reflects the overall/total impact of an article in the research community at large, based on the underlying citation network (diachronically). | Average | |
impulse This indicator reflects the initial momentum of an article directly after its publication, based on the underlying citation network. | Average |